Legal Definitions Dictionary

asii bu’uraalee misooma hawwaasummaa 1

asii bu’uraalee misooma hawwaasummaa jechuun namni yookiin kontraaktarri heeyyamni kennameef bu’uura dirqama mirga hojii albuudaa yookiin waliigaltee boba’aa irra jiruutiin manneen ummataa, hospitaala, daandii yookiin bu’uraalee misoomaa hawaasummaa kana fakkaatan ijaaruuf baasii kappitaalaa baasu yookiin buusii fandii misooma hawaasummaatiif taasisu dha.

Baasii barbaachaa 1

Baasii barbaachaa gaaleen jedhu keewwata kana keewwata xiqqaa 6 (a)(ii) tiin hiika kenname osoo hin dabalatiin baasii albuuda baasuu yookiin odeeffannoo hojii boba’aa argachuuf bahu.Mirga albuuda baasuu yookiin waliigaltee boba’aa waliin walqabateen baasii bu’uraalee misooma hawwaasummaa diriirsuuf ba’u.

Baasii misoomsuu 1

Baasii misoomsuu jechuun baasii qabeenya gatiin isaa hir’atu osoo hin dabalatiin nama yookiin kontiraaktara eeyyamni kennameef baasii kappitalaa hojii misoomaa hojjachuuf baahu yoo ta’u, kanneen armaan gadii ni dabalata:Hojiiwwan armaan gadii raawwachuuf baasii yeroo kamiyyuu bahu:

Dabarsaa 1

Dabarsaa jedhamee kan caqasamu abbaa heeyyamaa yookiin kontraaktarri mirga albuuda baasuun yookiin waliigaltee boba’aatiin mirga murtaa’aa argate namni “Mirgi darbeef” jedhamee nama caqasamu biroof dabarsuuf “waliigaltee dabarsaa”jedhamee waliigaltee waamamu kan taasise yoo ta’edha.Namni mirgi darbeef gatii inni nama mirgicha guutumaa guutuutti yookiin gar-tokkeen dabarseef kaffalu baasii namni mirgi darbeef kaffaluuf waliigale yookiin mirgoota muraasa namni mirgicha dabarsu hambise irraa dirqamoota maddan hunda yookiin gar- tokkeen nama mirgicha dabarse bakka bu’uun dirqama bahachuu qabus ni dabalata.Mirga dabarsuun yeroo raawwatamutti:Namni mirga dabarsu mirga osoo hin dabarsiin hambiseen walqabatee gatiin hojii namni mirgi darbeef raawwatu kanneen armaan gadii keessatti hin haammatamu:namni mirga dabarsu mirga dabarseef gatii fudhatu; yookiin Galii hojii daldalaa nama mirga dabarsuu; fi Namni mirga dabarsu mirga darbeef maallaqa inni fudhate yookiin fudhatu irratti kanneen armaan gadii raawwatiinsa ni qabaatu.Namni mirga dabarsu mirga dabarseen walqabatee baasii baaseef hir’ifamniinni argate akka deebi’u sababa taasifameef hanga qarshii fudhate irratti tumaaleen Labsii kanaa keewwata 69 raawwatiinsa ni qabaata.

Garee 1

Garee kilabii (garee) ispoortii ni dabalata.

Hojii barbaachaa 1

Hojii barbaachaa jechuun:Barbaacha albuudatiif yoo ta’u hojii mirga barbaacha albuudaa keessatti heeyyamame ; yookiin Hojii boba’aatiif yoo ta’u waliigaltee boba’aa keessatti hojii barbaachaa heeyyamame dha.

Hojiiwwan Albuudaa 1

Hojiiwwan Albuudaa jechuun bu’uura mirga albuudaatiin hojiiwwan heeyyamamani dha.

Hojiiwwan boba’aa 1

Hojiiwwan boba’aa jechuun hojiiwwan waliigaltee boba’aatiin heeyyamamani dha.

Hojiiwwan Misoomaa 1

Hojiiwwan Misoomaa jechuun:Hojii albuuda baasuutiif yoo ta’u heeyyama hojii albuuda baasuutiin hojii heeyyamame; yookiinHojii boba’aaf yoo ta’u hojii boba’aa waliin wal qabatee hojiiwwan misoomaa fi oomishuuf waliigaltee boba’aatiin heeyyamamanidha.

Karoora deebisanii haaromsuu mirkanaa’e 1

Karoora deebisanii haaromsuu mirkanaa’e jechuun dirqamoota waliigaltee boba’aa yookiin mirga albuudaa keessatti murtaa’an dabalatee karoora deebisanii haaromsuu bakka albuudni yookaan boba’aan itti argamuu Biiroo Bishaan, Albuudaa fi Inarjiitiin mirkanaa’edha.

Kontiraaktara 1

Kontiraaktara jechuun nama kamiyyuu mootummaa waliin waliigaltee bu’aa raawwate dha.

Kontiraaktara Xiqqaa 1

Kontiraaktara Xiqqaa jechuun nama qaxxarriidhaan tajaajila kennu osoo hin dabalatiin nama heeyyamni kennameefiif hojii albuuda baasuu waliin tajaajilawwan walqabatan nama kennudha.Jechi Labsii Bulchiinsa Taaksii keessatti hiikni itti kenname labsii kana keessatti hojjiira kan oolu yoo ta’ee fi Labsii kanaan hiikni kan itti hin kennamne yoo ta’e hiika Labsii Bulchiinsa Taaksii keessatti kennameef ni qabaata. Namaa fi Kontraaktara Heeyyamni Kennameef Irratti Gibira BuusuuFooyya’iinsi Kutaa Torba kana jalatti tumaman akkuma eegametti ta’ee, Keewwatni kun nama yookiin kontiraaktara heeyyamni kennameef irratti raawwatinsa ni qabaata.Gibira nama yookiin kontiraaktara heeyyamni kennameef ilaalchisee Kutaa kanaa fi kutaawwaan biroo Labsichaa jalatti kan tumame gidduu walsimuu dhabuun kan uumame yoo ta’e Kutaan kun raawwatiinsa ni qabaata.Nama yookiin kontiraaktara heeyyamni kennameef irratti taarfni gibira galii hojii daldalaa raawwatinsa qabaatu % 25 ta’a. Namni heeyyamni kennameef kaffaltii kamiyyuu kantiraaktara xiqqaa jiraataa Naannichaa hin taaneef raawwatu irraa % 10 gibiraaf hir’isee Abbaa Taayitichaatiif galii taasisuu qaba.Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 4 tiin hangi gibira kaffalamuu kan shallagamu baasiiwwan moobilaayizeeshinii fi dimoobilaayizeeshiniin hir’ifamaniiti dha. Daangaa Hir’ifama Baasiiwwan Hojii Albuudaa Yookiin Boba’aa Irratti TaasifamanNamni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti baasii hojii albuuda baasuu hojjachuuf baasu hir’ifamaan kan qabamuuf naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti hojii albuudaa waliin walqabatee galii hojii daladalaa bara gibiraa keessatti argate irraa qofa ta’a.Namni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti bara gibirichaatti yeroo hojii albuudaa hojjatutti kasaaraan kan isa muudate yoo ta’e kasaaraan kun gara bara gibirra itti aanuutti darbee namni heeyyamni kennameef naannawaa heeyyamni itti kennameef keessatti hojii albuuda baasuu hojjechuun galii hojii daldaalaatiin argatu irraa hir’ifamni ni taasifama.Namni heeyyamni kennameef kasaaraa isaaa akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2tiin guutummaa guutuutti hir’isuu kan hin dandeenye yoo ta’e, kasaaraa hin hir’ifamne bara gibiraa itti aanutti dabarsuu fi hanga bakka buufame akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti ibsameen galii waliigalaa baruma gibirichaatti argame irraa hir’isuun kasaarichi guuttummaa guutuuttii hir’ifamee haga xumuramutti dabarsuu kan danda’u yoo ta’uu, garuu namni heeyyamni kennameef kasaaraa isa mudate dhuma waggaa kasaarichi itti qaqqabe irraa jalqabee kan lakkaa’amu bara gibiraa kudhan caaluuf dabarsuu hin danda’u.Namni heeyyamni kennameef hojii albuuda baasuutiin walqabate naannawaa heeyyamniitti kenname keessatti kasaaraan irra gaheera kan jedhamu hojii albuuda baasuu naannawaa heeyyamni itti kenname keessatti raawwatuun wal qabatee baasiin bara gibirichaatti akka hir’ifamaatti qabameef bara gibirichaatti naannawicha keessatti galii hojii albuuda baasuu hojjachuun argate kan caale yoo ta’edha.Keewwatni kun akkaataa barbaachisummaa isaatti fooyya’insi irratti taasifamaa bu’uura waliigaltee boba’aatiin naannawaa waliigalteen kontiraaktarichaaf kenname ilaalchisee kan raawwatu ta’a. Baasii Barbaachaa

Mirga albuudaa 1

Mirga albuudaa jechuun bu’uura Labsii Hojii Albuudatiin heeyyama sakatta’uu, qorannoo, heeyyama qabatanii turuu yookiin oomisha albuudaa mootummaadhaan kennamu dha.

Mirga barbaachaa 1

Mirga barbaachaa jechuun bu’uura Labsii Albuudaatiin mirga hojii barbaacha albuudaa mootummaadhaan heeyyamamee yookiin bu’uura waliigatee boba’aatiin heeyyama barbaachaa kennamedha.

Mirga barbaachaa albuudaa 1

Mirga barbaachaa albuudaa jechuun bu’uura Labsii albuudaatiin mirga sakatta’uu, barbaaduu yookiin heeyyama qabatanii turuu kenname dha.

Naannawaa heeyyamni itti kenname 1

Naannawaa heeyyamni itti kenname jechuun naannawaa heeyyamni albuuda baasuu itti kennamedha.

Naannawwaa Waliigaltee 1

Naannawwaa Waliigaltee jechuun waliigaltee boba’aa keessatti naannawaa waliigaltee jedhamee iddoo moggaaffamedha.

Nama heeyyamni kennameef 1

Nama heeyyamni kennameef jechuun nama mirgi albuuda baasuu kennameefii dha.

ndii deebisanii haaromsuu 1

ndii deebisanii haaromsuu jechuun naannawaa mirga albuudaa yookiin waliigaltee boba’aa keessatti haammatame sirreessuuf baasiiwwan fuulduraaf barbaachisan haguuguuf bu’uura mirga albuudaa yookiin waliigatee boba’aatiin taa’uu qabuu fi maallaqa Biiroo Bishaan, Albuudaa, fi Inarjii fi namni yookiin kontraaktarri heeyyama fudhate waliin bulchani dha. Hir’ifama Invastmantiif Taasifamu Namni yookiin kontiraaktarri heeyyamni kennameef dameelee hojii misoomaa biroo abbaa taayitaa heeyyama kennuutiin heeyyamameen baasii invastimantii hojii invastimantii irra oole galii waliigalaa tokkoon tokkoo bara gibiraa irraa hanga % 5 hir’ifamuu ni danda’a.Namni yookiin kontraaktarri heeyyamni kennameef akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1tiin bara gibiraa tokko keessatti hanga maallaqaa hir’ifama taasisee bara gibiraa hir’ifamichi taasifame irraa eegalee hanga dhuma bara gibiraa itti aanutti invastimantii irra kan hin oolchine yoo ta’e, galii waliigalaa nama yookiin kontraaktara bara gibirichaatti heeyyama fudhate irratti ida’ama.Mirga Dabarsuu Mirga dabarsuun kan raawwatamu haalawan armaan gadii guutamanii yoo argamaniidha:

Odeeffannoo albuudaa 1

Odeeffannoo albuudaa jechuun odeeffannoo hojii albuudaa waliin wal qabatedha.