Dabarsaa hiika

Dabarsaa jedhamee kan caqasamu abbaa heeyyamaa yookiin kontraaktarri mirga albuuda baasuun yookiin waliigaltee boba’aatiin mirga murtaa’aa argate namni “Mirgi darbeef” jedhamee nama caqasamu biroof dabarsuuf “waliigaltee dabarsaa”jedhamee waliigaltee waamamu kan taasise yoo ta’edha.Namni mirgi darbeef gatii inni nama mirgicha guutumaa guutuutti yookiin gar-tokkeen dabarseef kaffalu baasii namni mirgi darbeef kaffaluuf waliigale yookiin mirgoota muraasa namni mirgicha dabarsu hambise irraa dirqamoota maddan hunda yookiin gar- tokkeen nama mirgicha dabarse bakka bu’uun dirqama bahachuu qabus ni dabalata.Mirga dabarsuun yeroo raawwatamutti:Namni mirga dabarsu mirga osoo hin dabarsiin hambiseen walqabatee gatiin hojii namni mirgi darbeef raawwatu kanneen armaan gadii keessatti hin haammatamu:namni mirga dabarsu mirga dabarseef gatii fudhatu; yookiin Galii hojii daldalaa nama mirga dabarsuu; fi Namni mirga dabarsu mirga darbeef maallaqa inni fudhate yookiin fudhatu irratti kanneen armaan gadii raawwatiinsa ni qabaatu.Namni mirga dabarsu mirga dabarseen walqabatee baasii baaseef hir’ifamniinni argate akka deebi’u sababa taasifameef hanga qarshii fudhate irratti tumaaleen Labsii kanaa keewwata 69 raawwatiinsa ni qabaata.