Tajaajila Maamilaa Fakkeenya Sirnaalee

Tajaajila Maamilaa. Yeroo adeemsa kaffaltii gaafachuu fi funaanuu, Fairview fi bakka buutotni (eejentoonni) isaa qajeelfamoota armaan gadii hojii irra oolchuudhaan taajila maamilaa qulqullina qabu ni kennu: • Fairview fi ejentoonni isaa ulaagaa irra darba hinqabne afaan miidhama geessisu, hacuucaa, nama aarsu, gowwoomsu yookan dogongorsu yookan hojjettoota isaatin raawwataman irratti hojii irra ni oolchu. • Fairview fi eejentoonni isaa, gaaffilee fi/ykn waldhabbiiwwan dhukkubsataatif adeemsa qajeelaa, bilbila bilisaa dhukkubsataan irratti bilbiluu maluu fi teessoo waajjiraa ifa ta'e kan isaan itti barreessuu danda'an dabalatu kaa'uu qabu. Odeeffannoon kuni kaffaltiiwwanii fi ibsoota funaansaa dhukkubsataa Fairview dhan ergaman hunda irratti ni tarreeffama. • Erga dhukkubsataan isaan qunnamee booda, Fairview fi hojjettootni bakka bu'aa (eejentii) isaa saffisa danda'amaa ta'een bilbiloota dhukkubsattootaa ni deebisu (garuu erga bilbilamee booda guyaa hojii tokko hin caalle keessatti) akkasumas akka adeemsa komii hiikutti waldhabbiiwwan barreeffamaan galaniif guyyoota 7 keessatti deebii ni kennu. • Fairview fi ejentoonni isaa galmee komiiwwanii fi himannaawwan dhukkubsataa (kan afaanin yookan barreeffamaan godhaman) ni qabatu.